Du'umti Haa du'u,
Kan ajjesee dhokse,
Ija goota keenyaa,
Buruqsee kan baqse.
Taaddasaa Birruufaa,
Guddinaa Tumsaafaa,
Maammoo Mazamirfaa,
Kan Baaroo Tumsaafaa,
Elemoo Qilxuufaa,
Innumti ajjeesee,
olii addemaa kaalessaa,
Tasfahuun Camadaa
kan addaan nu dhiise,
seenaatti nu hanbise.

Du'umti haa du'u,
kan dhokse Bilille,
Dacheetti gadi gatee,
Miidhaga ishee faalee,
kan geeraraa gale.
Du'umti haa du'u
Abbaa Gammachiisfaa,
kan Asteer Gannoofaa,
Kitaaba harkaa buusee,
Irreellee Laffisee,
Mul'atallee dhaamse.

Du'umti haa du'u,
gayee hamummatee,
du'umti fudhatee,
Goota Hagaree Tulluu,
Isa haqaan bulu.

Du'umti Haa du'u
Inni Waaqoo Guutuu,
Abishee Grbaafaa,
Gootummaa qolatee,
Kabaja dhowwatee
Du'umti Mo'atee
Maqsee gadii gatee,
Irra tarkanfte.

Du'umt haa du'u'
Ofii qilee haa bu'u,
Awwaalee gadoo haa ba'u
Du'ee dhagaa haa baatu,
Boollisaa haa fagaatu.
Akka hhin deebine,
Rafee hin dammaqne,
Beekaa koo hin miine,
Bartootaa koo gadii hin ciree,
Goota koo hin gaagaane.


Qeerroo Oromiyaa 

JECHOOTA GAMNAA

Amaan Tolaa Hamdaa

Amajjii 2013

A. Seensa

Barreeffamni kun qorannaan dubbii Arsi'ii yookaan koottu-dhufeen maal akka fakkaatu ibsa. Barreeffamni kun gabaabaa ta'ullee jechoota gamnaa yeroo adda addaa bakka adda addaatti jedhaman irratti xiyyeeffachuun; gamni maal waliin jedhe gaafii jedhuuf deebii kennuuf yaala.

B. Koottu-Dhufee

Koottu-dhufeen aadaa haasawa Arsiiti; sirna mari'ii ka Arsiin bakka sirnaatti haasawu. Koottu dhufeen sirna haasawaa kan bakka cidhaa ykn du'aatitti haasawamu. Sirna haasawaa ka dubbiin bilchaataan ittiin dubbatamu. Arsiin jaarsummaa koottu-dhufeen yookaan ilaaliin haasaya.

Namni bakka sirnaa jiru jaarsas ta'ee ka'ima kan dubbachuuf murtii qabu kan sirni dubbachuu hin dhoorgine martuu koottu dhufee fudhatee haasayuu danda'a. Koottu dhufee fudhachuuf ijoo dubbii beekuu qabna yoo hin beeknee ta'e nama beekutti siqnee gurratti dubbii na barsiisi jenna. Jaarsonnillee yoo namni haarofti addabaabaayii dhufe dubbii barsiisaa jedhan. Namni haaroftis erga dubbii baree booda yaada ofii kenna.

Aadaa Arsii keessatti ka'imti ykn dargaggeessi jaarsa jala taa'ee dubbii bara. Aadaa bareedaa Arsiin oromoo gumaache keessaa sirni haasawa koottu-dhufee tokkoffa jechuu dandeenna. Gara biraatiin sirni haasawaa kan gosoota oromoo biroo koottu-dhufee irraa garaa gartii guddaa hin qabu. Sirna haasawa koottu-dhufee keessatti gaafiin ykn yaanni kallattii adda addaatii ka'ee deebiin kallattii adda addaatii itti kennama. Koottu-dhufee dabaree eeggatanii namatti fudhatan koottaa kaa jedhan; namni hunduu dabaree eeggatee maarree abbaa ebaluu jedhee haasaya jalqaba. Namoonni adda addaa akkuma dandeettii fi muxannoo isaaniitti haasawa ofii fakkeenna dubbiitii fi maammaakaan gabbisanii dhiyeessu; kana booda yaada waliigalaa irra gayama. Dhimmi haasawamuufis erga hayyoonni adda addaa yaada ofii itti kennanii booda walii galteerra gayama.

Jechoonni gamnaa asii gaditti tarraayanis kan bakka, yeroo fi haala adda addaa keessatti jedhamaniidha. Akkanumas; jechoonni gamnaa koottu-dhufee haasawuuf gargaarantu asii gaditti dhiyaate.

C. Gamna

Hayyuu dubbii beeku; namoota walitti bu'an kan araarsu; ka dubbii qoru; koottu-dhufee fudhatee haasawa bilchaataa haasawuu ka danda'u. Gabaabamatti; haasawa mishaa fakkeenna dubbiitiin midhaage haasawuun ka nama amansiisu jechuu dandeenna.

D. JECHOOTA GAMNAA

"Malkataafis; qandhafaafis toltii adurreetti bilbila haa hiinuu" jedhe hantuunni.

***

Diintichi obbaafate;

Nagaan bobbaafate;

Gamnichi obbaafate;

Qorata malee taa'e;

Qora malee haasaye

(Diintichi ka hobbaafateef waan loon irraa oofataniif/yaafataniif; gamni ammo iddoo taa'ullee qoratee taa'a; qoratee haasaya;qoraan hojjata)

***

"Dullumti eessaan dhufti?" jennaan; "Dugdaa fi jilbaan" jedhe gamni tokko. "Kana qofaa miti" jedhe gamni duraa:"Ijaan- harka ijarra kaayatee laalaa; gurraan- yoo waa itti himan yeey maal jettan jedhaa; ilkaanin- ilkaan irraa cabuu jalqabaa; qalbiin dhufti waa dagataa." jedhee deebise gamnichi duraa.

***

Dullumti duddaan dhufti; gadi caldhiin ilmaan dhufti; kankee kanumaan niitiin dhufti; keessa tareen lammiin dhufti.

***

Wallaalaan of jalatti

Gamni ammo baargamatti!

***

Gowwaan gorsan nama dida

Qabu nama dika

Malli gowwaa maali?

***

"Intala dayee;

Kolooban gayee

Koloobni maqaa itti haa baasu" jette namittiin.

***

"Gootni ka maal godhee dabeessi ka maal ta'e" jedhee gamni tokko kan biraa gafate. Gamni biraas; "Gootni ka ari'ee dabeessi kan dheesse" jedhe. "Kanuma qofaa ree jedhe gamni duraa?"; "Ee kanuma" Jedhe gamni lammataa. Jennaan miti jedhe gamni duraa "Kan dheessee deebi'ee ofirraa reebellee goota; kan ari'ee irraa hin hafnellee luynaa mitii?" jedhee gamnichi duraa deebise.

***

Tokko dubartiitti bayee qore; itti dhufee akkana jedheen:-

"Ijaarattee mana;

Keessa jirtaa namaa

Akkam oolte" jedheen. Isiinis gamna waan taatef akkana jettee qaanessite:-

"Qabattee sibiila;

Falanni si dhiira

Ee ooltee" jetteen.

***

Waa sadi waa sadii injifatte:-

1. Bubbeen galaana injifatte

2. Namichi bubbee injifate

3. Namicha duuti injifatte

(Bubbeen galaana oliifi gadi dhooftee injifatte; namichi ammoo doonii galaana irratti ijaaree bubbee injifate; namicha ammo duuti injifatte.)

***

Waa sadi haga waa sadiif jirraa beektutti hin dubbadhu jedhe gamni:-

1ffaa. Dabeessi haga gootaf jiraa beekutti

2ffaa. Dondhi haga arjaaf jiraa beekutti

3ffaa. Gowwaan haga gamnaaf jiraa beekutti

***

"Dhiisuuf dhalee; arraabuuf qoree malli maali?" jette dhaddeen dhaltee.

***

"Awliyaa rakko'oo dhaqan shantu du'a oolan shantamatu du'a" malli maali?

***

Akka hin nyaannee dangaaja marqite;

Akka hin dhiifnee itti carreessite

***

Lagni guuteen dhugaa simbirri irra hin barartuun soba; si soqee si dhabeen dhugaa lafti na jalatti hin hafneen soba; ebalu duroomee kiila lixeen dhugaa horii isaa laakkoftee itti hin baatun soba.

***

Qoricha jennaan harree qalle

Hin ta'u jenna harree ganne

Fidaa jennaan sondhee dhabne.

***

Bulee yaa bulee;

Buleen woyiinuu turee;

Worra bulee qaanyesse;

Rabbi raatesse.

(Arriin kabaja qabdi. Namni jaaree arrii bulee godhe hambisaa kabajuu qabna; yoo kabajuu baannee abaaree nu balleessa)

***

Kaamoo mana bulkaa;

Boosoo mana curgaa;

Kaamoon harka hallee;

Booson garaa halle.

(Kaamaya mana urgaa/bareedaa; boosaya mana busha'aa; kaamaya harka hallee boosaya garaa halle/baay'ee deetti)

***

Ilmi qe'ee hatu raaja; niitiin dhiirsa hamattu raaja; namni lammii ganu raajaa; jaarsi sigabaa galu raaja.

***

Dullumti ihii(ebelee) dabalatte waan falli hin baafne; deegni ceem'aa dabalate waan falli hin baafne.

***

Laafaa horii guddisii konkaa qoraafadhu;

Laafaa namaa guddisii bonjaa boraafadhu.

***

Kan lolu goota; kan hin lolle dabeessa; kan lolee hin araaramne sheexana.

***

Eerakkadhe jedhe gamnichi wallaalaa wajjiin cinaa (lakkuu) dhalate; eerakkadhe jedhe gootni dabeessa wajjiin cinaa dhalate.

***

Gamni gamnaan akkana jedhe;" Dhiira tahanii meeshaa waraanaa dhabuun fafa." Jennaan; dogongorte jedheen gamni lammataa; "Meeshaa waraanaa dhabuu mitii meeshaa waraanaa qabaatanii onnee dhabutuuyyi fafaa" jedheen.

***

Waa sadi faayaa waa sadi faaya faayarraati:- 1. Amrii(qabeenna) qabaachuun faayaa arjummaan faaya faayarraati. 2. Arrii qabaachuun faayaa aqlii(gamnummaa) qabaachuun faaya faayarraati. 3. Gootummaan faayaa obsi faaya faayarraati.

***

Keessumaa waa sadiin simatan: lafee foon hin qabneen simatan;foon lafee hin qabneen simata; erbee coraa hin qabneen simatan. Lafeen foon hin qabne:-ilkaan kolfanii kolfisiisan. Foon lafee hin qabne-arrabaa haasayanii haasofsiisan. Erbeen coraa hin qabne-gurraa waan keessummaan jettu jalaa dhagayan.

***

Gowwaaf galgalli dukkanatti

Gamnaa fi gamini ifatti

Waariin dukkana hammeesse

Ifa dhiyeesse!

***

Gamni gamnatti dhufee akkana jedhe " Wonti erga deemee hin dhaabbatin maali? Wonti erga taa'ee hin socho'in maali? Wonti erga diigamee hin ijaaramin maali?" Jennaan gamni lammataallee akkas jedhee deebise. "Wonti erga deemee hin dhaabbatin laga; wonti erga taa'ee hin deemin dhagaa; wonti erga diigamee hin ijaaramin garaa:- garaa har'as borus ittuma nyaatanii inni sanuma"

***

Gamni gamnatti bayee qore:" Walqixxeen (handhuurri) lafaa eessa" jedheen. Gamni lammataallee "Achuma bakka ati jirtu san" jedheen. Gamni duraallee "Akkamitti ta'a?" jennaan "Dhundhumaan safartee walitti laaluu dandeetta" jedheen.

***

Wonti ganama guddoo; guyyaa xiqqoo; galgala guddoo maali? Deebii:-Gaaddidduu

***

Gamni gamnatti bayee akkana jedhe "Fardaa oliin boora kiyya; biyyaa oliin Fasasa tiyya; niitii oliin niitii tiyyya; "Jennaan; dogongorte jedheen gamni lammataa"Boorri kankee guulee dabe; biyyi tantee dheebisaan dabde; niitiin tantee kashalabboomtee dabde."Jedheen

***

Gamni akkas jedhe:- fardaan haga farada jedhan dhaqqabo hin jedhanii; dubartiin haga dubarti jedhan ibso hin jedhanii; loonin haga loon jedhan qabbaneesso hin jedhanii; du'aan haga du'a jedhan woffifte hin jedhanii jedhe.

(Fardi dafee bakka hedan nama geessaa; dubartiin mana ibsitii(tolchitii); loon ammoo aannan isaa nama qabbaneessa; duuti ammoo hoffaa nama gootii)

***

Baddaaf gammoojjiin yeroo baay'ee wal tuffatan dubbiinis wal tuqan wal agibu waliinis morku.Yeroo sirnaa; cidha ta'inna du'aa jaarsolii ciccimoo gamna ta'an filatanii 'koottu-dhufee' walitti fudhatan. Jaarsoliin dubbii sirritti beekan dubbii mi'aayaa nama tuffachiifne haasawan.

Yeroo woyii gammoojii irraayyi baddaa fuudhaaf osoo deeman worri isaan irraa fuudhan illee baddaa worra dureessa ture. Jaarsi gamnaa (abbaan gosaa) ka koottu dhufee haa fudhatuuf qopheessan keessaa tokko akkana jedhe "Jarana maalif wol gattanii facaatanii deemtan worra eennuu akka deemaa jirru beettanii worra guddaa dhaqaa jirraa bar; mee dhaabadhaa hin mari'anna jedhe. Akkuma beettan baddaan dubbiif sirritti qophooftee nu eeddii. Kanaaf; teessumti akka qabaa akka itti teennu mari'anna; nyaannis akka qabaa akka itti nyaannu mari'anna dubbiinis akka qabdii akka itti dubbannu mari'anna." jedhe. Achumaan jaarsi lammataa maarree jedhanii attam taana maal jenna biyyana jedhe. Jaarsi biraa koottu dhufee erga fudhatee akkas jedhe maarree jarana ka jettan sadiinuu nu hin rakkisuu jedhe. Achumaa, jaarsi duraa attamitti jennaan jaarsi sadaffa akkas jedhe ka teennu bakka isaan qopheessan kan nyaannu waan isaan nuu kennan ka dubbannu kallattii dubbii isaanii laalleeti jedhe.

***

Yeroo woyii gamin baddaa gamna gammoojjiitti bayee akkas jedheen "Eessaa baate abboo?" Jennaan; gamnichi gammoojjii illee "Gammoojjii baye." jedheen. Achii gamnichi baddaa "Gadii keessaa baatee!" Jennaan; achumaan gamnichi gammoojjillee "Gadii keessallee oli jira olii keessallee gadi jira." jedheen.

***

Gamni gamnatti bayee gamna qore; gamni duraa gamna lammtaatin akkana jedhe" Ganni maalii gamni maal" Gamni lammataallee akkas jedhee deebise "Ganni ka fixeensayee gamni ka dubbii fixe" Jennaan; Gamni jalqabaa dogongorte jedheen "Birraan illee ima fixeensayaa; dubbii ammo bultu (turtu) dhumattii; yerootu fixaa kanaaf ;ganni ka quufsee ciciiphise gamni ammoo ka waan dhufu (ofduraa) beekee." jedheen.

***

Gamni gamnaan akkas jedhe "Namni ka du'eef ka jiru keessaa kamtu baay'inaan caala?" Jennaan gammi lammmataallee "Ka jiruu du'e wajjiin ka du'etu caala"jedheen.

***

Daamuu Ushuu gamni Arsii beekkamaan yeroo ta'e dubbiif ganda woyii dhaqee erga simatanii booda dubartiin woyii akkana jetteen"Daamuu Ushuu ka gurri Ambaa Diina gaye sun kanumaa?" jette gabaabbinna isaa laaltee; innillee baay'ee gabaabaa waan tureef. Achumaa; Daamuu Ushuullee jecha isii dhagayee akkana jedhe "Ol hin cinneen gafarsaa; gadi hin cinneen farraa teennaan teessuma gayee; dubbannaan higaa gayee mixiif na komattaa" jedheen.

***

Jaarsi gamni woyii yeroo ta'e Daamuu Ushuutiin akkana jedhe "Daamuu silaa ati gamna beekkamaa ambaa diinni beekee ilma sitti baye qabdaa?" jennaan innillee akkana jedhee deebise " Arse sadiin afaan qabee tiyya sadan afaan qabatte"jedhe. Ilmaan sadan uumate keessaa tokkichillee isatti waan hin bayiniif.

***

Gamni warra soddaa dhaqee erga waa nyaatee dhugee booda yeroon gannaa akkana jedhe soddaatiin "Da'iyya marqi keessan xinnaatee dabe; gubee dabe; mi'aayee dabe" jennaan Soddaatinis akkas jettee deebifteef "Xiqqeenni akka yeroo; gubaatin akka jarjaraa; mi'aan akka harkaa afuufadhaa keessaa fudhaa " jetteen.

***

Korminee korma kaaye kormarra dalluu kaaye; Haburaa goota kaaye Itayya gaamaa kaaye; Jiille jaamaa kaaye; Ajjeeftee mirga hin qabduu qollee dhara qandhaftu Abeetaa Dambal kaaye.

***

Ilmi ka abbaa fakkaate caala moo ka bara fakkaate caala? Jennaan ka bara fakkaate caala jedhe gamni.

***

Waa sadi waa sadi nyaatti:- 1/Aariin umrii nyaatti 2/Kijibni hiriyyaa nyaatti 3/Kolfi qalbii nyaatti

***

Waa lama nama xiqqeessiti:- 1ffaa Hanna 2ffaa Kijiba

***

Teessumti woyaa fixxi; deemsi kophee fixxi; hirribni yeroo fixxi; obsi muuxannoo fixxi; hawwiin jaalala fixxi.

Itti fufa…

Subscribe To My Website

  • Subscribing allows you to get site updates. Your email address will be kept private.
Thank you for contacting us. We will get back to you as soon as possible
Oops. An error occurred.
Click here to try again.
Copyright © 2012 Oromo Community of Las Vegas