Members Area

Recent Photos

Newest Members

Upcoming Events

Monday, Oct 9 at 9:30 AM - 11:30 AM
Monday, Dec 11 at 9:30 AM - 11:30 AM
Monday, Feb 12 at 9:30 AM - 11:30 AM
Monday, Apr 9 at 9:30 AM - 11:30 AM

Recent Videos

2094 views - 0 comments
1881 views - 0 comments
1697 views - 0 comments
1670 views - 0 comments

Google +1 Button



ODUU DURII OROMOO
BEEKAN GULUMMAA IRRANAA

1. Abbaa manaa gowwaafi hadadha manaa gowwaa tokkotu jiru turan. Gaafa tokko lukkuu qalatanii hojjetanii erga xumuranii booda yommuu nyaatan waan ittiin ilkaan isaanii keessa baafatan migira guurracha barbaacha gara lafa baddaa deeman. Kana booda gara baddaa yommuu deeman, nama tokkotti gaara keessatti itti dhufanii akkas jedhaniin. Elaa namichuu! Manni kenya kunoo kan gaara jala sanaa lukkuu waxanneeti osoo hin nyaatiin waan ittiin ilkaan keessaa baafannu fudhachuu deemna waan ta’eef gara mana keenyaa sana deemtee nujalaa hin nyaatiin jedhanii namichatti himan. Namtichis isaaniin tole jedheenii erga bira darbee booda, gara mana jaraa deemee kan isaan qopheeffatan sana jalaa nyaatee qodaa keessaa nyaate banaa ishee gatee bahee deeme. Jarreen gowwaanis gaafa baddadhaa gadi migira isaanii guuranii galani, nyaata isaanii nyaachuuf haati manaan gadi fuudhuuf yommuu jettu, ittoonis biddeenis hin jiru. Garuu tisiisni qodaa isaanii keessaa nihuursa ture. Haati manaa gowwaa sanaa, namichuu ni argaa mitii “kun titiisa kanatu nyaata keenya nu jalaa fixee” kanaafuu kaanee haa fixnu yookaan haa haxoofnu” jetteen. Innis ka’ee ilmoo mooyyee fudhatee reebuu yommuu eegalu tisiisonni kaan gaaniirra, kaan immoo mi’oota manarra qubataniitu jiru. Namtichi gowwaanis ka’ee titiisota yeroo rukutuuf jedhu, meeshaalee manaa waliin reebee, meeshaalee manaa caccabsee gaafa fixu, dhumairrattis titiisni tokko haadha warraa namichaa adda ishee irra qubatee jennaan isheenis argitee sagalee osoo hin dhageessisin mallattodhaan namichatti tisisa adda ishee irraa yommuu itti agarsiistu namtichis suuta jedhee qaxxisee tisiisa adda haadha warraa isaarra qubatte sana yommuu rukuttu, haadha warraa isaa waliin adda ishee yommuu rukutu akkasittiin haadha warraa isaa dhahee ajjeesee jedhama.
2
2. Qotee bulaa tokkotu lafa bal’aa qaba ture. Lafasaa kana irra fuduraafi muduraa adda addaa kan akka Maangoo, Paappayyaa, buqqeefi kan kana fakkaatan oomisha ture. Gaaf tokko hattoonni sadii oomisha namticha kanaa hatuuf ooyruusaa seenan. Inni tokko Paappayyaa, inni lammaffaa Buqqee, inni sadaffaa immoo Maangoo hatan. Utuu isaan fudhatanii ooyruu keessaa ba’aa jiranuu abbaan ooyirichaa isaanitti dhufe.
Kana booda isaan qabatee gara waajjira Poolisiitti qajeele. Gidduutti utuu isaan fuudhee deemaa jiruu, “Ani isinitti murteessuu wayyamoo hidhamuu isinii wayya?” Jedhee isaan gaafate. Hattoonni sadanuu afaan tokkoon “Atumti nutti murteessi” jedhaniin. Innis, “Amma hundumti keessan isa baattanii jirtan kana liqimsaa” jedhee isaan ajaje. Yeroo kana inni Maangoo baatee jiru boo’uu jalqabe. Namtichis yeroo kana argu, “Maaliif boossa?” jedhee isa gaafate. Hattichis, “Annillee akkan ta’ettis ta’u nan liqimsa isaan Buqqeefi Paappayyaa baatan kanaafan boo’e”
3. Harreen waraabessaan waliin firummaa akka hin qabne otoo beektuu mucaan waraabuu du'uu dhageenyaan ilmoon akkuma ofiitii, du'a gayii geenyu malee jechuudhaan ijoollee ishii dhiphisuun otoo itti himanuu dirqisiiftee gara du'a gayiitti naxalaa kuula ol-dachaasatanii qajeelan. Ijoolleen harree tarkaanfii haadha isaaniitti aaran kun karaatti akkam gochuun isaan irra akka jiru yaadaa dhaqan. Akka waraabessi garaa isaanii hin lafne beekkatanii tooftaa ittiin waraabessicha harkaas bayan haadha isaaniis gammachiisan soqaa achi gayan.
Akkuma kara seenaniinis hoomaa waraabessaa du'a gahii taa'u yeroo argan gurra isaanii qaruun dhaabanii haadha isaanii hordofuun mana naanna'anii booyuutti ka'an.
Gama sanaa yuustuu
3
Gamana fakkaata sagaleen keessanii
Diiminuma nyaattuu
Adiidhuma kana udaan keessanii
Isinuu hin hamatuu
Maaltu nyaate mucaa keessanii?...
jedhanii dallaa naanna'anii yeroo isaan kutan, haati Harree garuu waa otoo hin kenniin akkamittan deema jettee deebitee teessee yaaduutti kaate. Sabbatatti waa gudunffattee hin dhufne; sabbtumaa hin qabdu. Haa ta'u iyyuu malee teessee iti yaaddee eegeedhamoo hidhii kenuu akka wayyu yoo mari'achuuf of-cinaa laaltu ijoolleen ishii hin jiran. Hidhiin kennee deema'' jettee. Warrakoo jabaadhaa abbaan mucaa as-bayii hidhii kiyya gara olii suuta jedhii kutadhu" ittiin jette.
Waraabessis kana gammadee, hidhii harree gamaddalatee, yeroo ishiin baatee qajeeltu, haadhoo harree mee as garagali jedhaniin.Yeroo kana ilkaan ishii irra keessaa qullaadha; waan kofaltu fakkaatti.Waroonis, ilmoodhuma hundaatu du'aa, kan ilmoo keenyaa maaf kolfa ta'ee? jechuun itti dirrisee garaa ishii jigse.Tolli akkasitti ishiidhaaf deebi'e.
-------------------------------------------------------------------------------------

       Marii Hantuutotaa

    Dur dur jedhan adurreen hantuuta lafaa irraa fixuun gamsiiste. Sana booda hantuutonni akkuma boolla keesaa bayanii qilleensa itti fudhatan dhaban. Sana booda hantuutonni dhimma dhumiinsa isaanii kana mala dhayuudhaaf yaa'ii wal waaman. Yaa'icha irratti hantuutni kamuu fala ta'a kan jedhu yaada mataa isaa akka kennu gaafataman. Sana booda jarjaraan jaarsa hantuutaa tokko harka baasuun "ani mala argadhee" jedhe. Warri kaan mala isaa kana dhagayuuf hawwiidhaan eegan. Hantuutichi jaarsi ka'ee malli akkana jedhe "Adala/goofadana/adurree daggalaa luuxee nu fixu kana fagotti akka dheessinee jalaa baanuufii bilbila hojjennee morma isaatti hidhuu qabnaa" jedhee yaada isaa dhiyeesse. Sana booda abshaalli/qaroon hantuutaa oli ka'ee yaadni keellee gaarii dha, gootni dhaqee bilbila kana morma adalaa/goofadanaa/adurree daggalaatti nuuf hidhu eenyu?' jedhee gaafate.

    Ergaa, yaadni hundi fala hin ta'u!

Subscribe To My Website

  • Subscribing allows you to get site updates. Your email address will be kept private.
Thank you for contacting us. We will get back to you as soon as possible
Oops. An error occurred.
Click here to try again.
Copyright © 2012 Oromo Community of Las Vegas